Obsan Tuji Yaie

Obsan Tuji Yaie Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Obsan Tuji Yaie, Structural Engineer, Adama, Mojo, Bishoftu.

😆😆😆😆
11/07/2026

😆😆😆😆

 ‼️Iraan doonii waraanaa US Ulaa Hormuuz seenuuf turan misaa’elaan haleelte Iraan doonii waraanaa Ameerikaa akeekkachisa...
04/05/2026

‼️
Iraan doonii waraanaa US Ulaa Hormuuz seenuuf turan misaa’elaan haleelte

Iraan doonii waraanaa Ameerikaa akeekkachisa diduun Ulaa Hormuuz seenuuf turan misaa’elaan haleeluu miidiyaaleen Iraan gabaasan.

Iraan dooniin waraanaa Ameerikaa gara ulaa Hormuuz akka hin seenne akeekkachiiftee turte.

Doonaald Tiraamp waraanni Ameerikaa dooniiwwan daandii galaanaa Hormuuz keessa dhaabbatan gargaaruu akka jalqaban erga dubbatanii booda gabaasni Iraan Haleellaa kana raawwatte jedhu gabaafamuu eegale.

Ajajni Giddugaleessaa Ameerkaa akkaataa hojii kana deeggaruuf karoorfachuu fi dooniiwwan naannoo sana keessa nagaan akka ba'an gargaaruus ibseera.

Waraanni Iraan Dooniwwan Ameerikaa Ulaa Hormuuz keessa darbuuf turan misaa’eloota lamaan haleeluu Reuters miidiyaalee Iraan wabeeffachuun gabaaseera.

Haleellaa kana hordofee dooniiwwan waraanaa kunneen imala gara Ulichaa eegalen dhaabuu ibsame.

Waraanni Ameerikaa gama isaan haleellaan dooniwwanirratti raawwatame hin jiru jedheera.

 ‼️ 🇮🇷 amma waliigaltee kamiyyuu sagantaa niwukilaraa ishee irratti daangaa kaa’u keessatti fedhii hin qabdu.✅ Iran amma...
27/04/2026

‼️
🇮🇷 amma waliigaltee kamiyyuu sagantaa niwukilaraa ishee irratti daangaa kaa’u keessatti fedhii hin qabdu.
✅ Iran amma mari’achuu kan barbaaddu:
Waraana dhaabuuf haalota irratti
Cufamuu laga Hormuz irratti
Miidhaa waraanaa kaffalchiisuu (war reparations)
Uggura diinagdee kaasuuf (sanctions relief)
Marsaa galaanaa irratti goolii/naval blockade kaasuu
✅ Dhimmi niwukilaraa booda yeroo biraatti waliigaltee addaatiin mari’atamuu danda’a jedhameera.
✅ Mariin Islamabad keessatti gaggeeffamu amma sagantaa niwukilaraa hin hammatu.

Kun Trump irratti rakkoo guddaa ta’a jedhame, sababni isaas:
Trump biyya keessaa injifannoo agarsiisuu barbaada
Injiifannoon guddaan inni barbaadu Iran sagantaa niwukilaraa irratti laaffisuu dha
Garuu Iran amma kana irratti marii keessaa baasteetti.

 🇮🇷🇮🇷🤜🇺🇸🇮🇱 Gareen xiyyaara waraanaa humna qilleensaa Iraan F-5E/F Tiger II multirole, ogummaadhaan lafa gaara walxaxaa I...
27/04/2026

🇮🇷
🇮🇷🤜🇺🇸🇮🇱 Gareen xiyyaara waraanaa humna qilleensaa Iraan F-5E/F Tiger II multirole, ogummaadhaan lafa gaara walxaxaa Iraan fi qaxxaamuraa raadara xiqqaa xiyyaarichaa gama fuulduraatiin fayyadamuun, buufata xiyyaaraa Kaamp Buehring Kuweet keessatti argamu irratti bakka boombiin itti gadhiifamu gahuu danda'eera.

NBCn ragaa haaraa Peentaagoon qondaaltota Ameerikaaf ibse wabeeffachuun guyyoota jalqabaa waraana kanaa keessatti xiyyaarri humna qilleensaa Iraan F-5 buufata Kaamp Buehring Kuweet keessatti argamu milkaa’inaan haleeluu isaa gabaaseera.

Haleellaan kun bu’aa isaatiin fakkeenya ta’us, madaallii humnoota qilleensa keessa jiruu fi dandeettii sirna aviyeeshinii, ittisa qilleensaa fi sakatta’iinsa diinaa yoo ilaalle ammallee milkaa’ina olaanaa dha. Akkasumas F-5En, salphaatti yoo dubbanne, xiyyaara haaraa osoo hin taane, kan dhaloota 2/2+ waan ta'eef beekamaadha.

Kunis naasuun humna qilleensaa fi ittisa qilleensaa Kuweet kan dhukaasa michoomaa xiyyaarota Ameerikaa irratti dhukaasuun maqaa gaarii qabu ibsuuf gargaara.

Baay’ee kan hin oolle, haala kana keessatti milkaa’inni F-5E sababoota hojii-tooftaa fi tooftaa-teeknikaa armaan gadiitiin ibsamuu danda’a:

1 - Kutaa qaxxaamuraa raadaraa xiqqaa F-5E xiyyaara fuulduraa keessatti, kofoota ibsaa +/- digrii 30, kan iskuweer meetira 0.7 fi 2 gidduutti garaagarummaa qabu; target akkasii raadara AN/APY-2 xiyyaarota E-3G Sentry AWACS fageenya km 300 hanga 350 qofa irratti duubbee lafaa keessattuu lafa gaarreen Iraan irratti adda baafamu

2 - Xiyyaaronni humna qilleensaa Ameerikaa E-3G AWACS fageenya km 350 gadi daandii F-5E irraa fi/ykn xiyyaaronni waraanaa F-22A fi F-15E dhabamuu isaanii, kanneen raadarri isaanii AN/APG-77 fi AN/APG-82(V)1 fageenya km 220 fi 150 hin caalle irratti F-5E adda baasuu danda'u turan akkaataa wal duraa duubaan.

Akkuma beekamu kanaan duras xiyyaarri humna qilleensaa Iraan F-4E bakka waraana Ameerikaa Iraaq keessa jiru irratti haleellaa milkaa’inaan raawwachuu isaa gabaafameera

 ‼️Ministeerri dhimma alaa Iraan wiixata boruu dhimma hojiif gara Raashiyaa Moskootti imaluun perezidaantii Raashiyaa Vl...
26/04/2026

‼️
Ministeerri dhimma alaa Iraan wiixata boruu dhimma hojiif gara Raashiyaa Moskootti imaluun perezidaantii Raashiyaa Vladimir Putin waliin ni mari'atu jechuun ibse Raashiyaatti Ambassaaddarri Iraan.

 ‼️Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp irratti ammas yaaliin ajjeechaa raawwatamuun ibsameera.Yaaliin ajjeechaa kun...
26/04/2026

‼️
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp irratti ammas yaaliin ajjeechaa raawwatamuun ibsameera.

Yaaliin ajjeechaa kun eda affeerraa hirbaataa gaazexeessitoota dhimmoota Masaraa Mootummaa Ameerikaa 'White House' gabaasaniif qophaa'erratti tahuun ibsameera.

Sirnicharratti sagaleen dhukaasaa akkuma dhaga'ameen Donaald Tiraampiifi Kaabineen isaanii hedduun qaamolee nageenyaan hatattamaan bakkicharraa baafamuu CNN gabaasera.

Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Ameerikaa akka ibseetti nageenyi Pirezidaanti Donaaldi Tiraampis tahe Itti Aanaa isaanii eegamaa tahuufi rakkoo uumameen walqabatee shakkamaan tokko to'annoo jala oolu beeksiseera.

Tiraamp gama miidiyaa hawaasaa isaanii 'Truth Social' jedhuun ergaa dabarsaniin namni isaanitti dhukaase qabamuu ibsuun deebii hatattamaafi tarkaanfii guddaa qaamoleen nageenyaa fudhataniif galata dhiyeessaniiru.

Gaazexeessitootni CNN naannawicha turan gama isaaniin sagaleen dhukaasaa dhaga'ame fageenya gabaabaarraa tahuu ibsuun gochichi baay'ee rifaasisaa akka ture gabaasaniiru.

Tiramp yaada gaazexeessitootaaf kennaniin dhukaasni kun isaanirraa fagoo ta'us kaayyoon isaa garuu anumaafi jedhaniiru.

 :♦️Iraan 🇮🇷tajaajila balallii sababa waraanaan addaan cite ture eegalchiisteIraan 🇮🇷tajaajila balallii sababa waraana A...
25/04/2026

:♦️
Iraan 🇮🇷tajaajila balallii sababa waraanaan addaan cite ture eegalchiiste

Iraan 🇮🇷tajaajila balallii sababa waraana Ameerikaa- Israa’el fi Iraaniin addaan cite ture eegalchiiste.

Guyyaa har’aa buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Imaam Haamiinii Teehiraanitti argamu baatiiwwan lama booda balallii jalqabaa gara Turki, Oomaan fi Sa’ud Arabiyaatti taasiseera.

Waliigaltee yeroof dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi Iraan gidduutti taasifame hordofee Iraan naannawaa qilleensaa ishee gariin banuun kan yaadatamudha.

Akka gabaasa Ashraaq Niwusitti, Iraan tajaajila balallii kana kan eegalte Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Abbaas Araagchiin guyyaa kaleessaa Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Paakistaan Fiild Maarshaal Ashiim Muuniir waliin erga mari’atanii booda.

Dabalataanis Abbaas Araagchiin Pirezidaantii Paakistaan Shaabaaz Shariif fi Ministira Dhimma Alaa Paakistaan Isaaq Daar waliin wal arguun haala mariin Ameerikaa fi Iraan marsaa lammaffaan gaggeeffamu danda’urratti akka mari’atan ibsameera.

‎ 💔✍️   ♦️★★★★★★★★★★★★★★♦️‎Namticha Ameerikaa tokkotu mana nyaataa‎(restaurant) magaalaa London seenee, namticha Afriika...
22/04/2026

‎ 💔✍️
♦️★★★★★★★★★★★★★★♦️
‎Namticha Ameerikaa tokkotu mana nyaataa
‎(restaurant) magaalaa London seenee, namticha Afriikaa gurraacha ta'e tokko, utuu bakka miidhagaa ta'erra kophaa isaa taa'ee jiruu arge.
‎Namtichi Ameerikaa sunis gurraachi Afriikaa kun namoota adiin ol taa'ee jiraachuun isaa
‎baay'ee isa aarse.
‎Innis borsaa giiphii isaa keessaa gadi baasee
‎keessummeessituutti iyyee, " Gurraachicha kana irraa kan hafe namoota mana kana
‎keessa jiran hundumaaf nyaata
‎dhiyeessi, anatu kaffalaa " jedhe.
‎Keessummeessituun sunis maallaqa namticha
‎Sanarraa walitti qabattee namticha Afriikaa
‎Sanarraa kan hafe namoota mana keessa jiran
‎hundumaaf nyaata dhiyeessite.
‎Namtichi Afriikaa sun qooda aaree banbanuu qabu namticha Ameerikaa sana ilaalee " Thank you" jedheen.
‎Kun immoo namticha Ameerikaa sana baay'ee aarse.
‎Aarii isaarraa kan ka'e ammas borsaa isaa gadi baasee keessummeessituutti iyyuudhaan,
‎" Ammas gurraachicha Afriikaa Sanarraa kan hafe namoota mana kana keessa jiran hundaaf nyaataa fi dhugaatii dhiyeessiif, anatu kaffalaa " jedhe.
‎Keessummeessituun sunis maallaqa namticha Sanarraa walitti qabattee namticha Afriikaa Sanarraa kan hafe namoota mana keessa jiran hundumaaf nyaataa fi dhugaatii dhiyeessiteef.
‎Yeroo keessummeessituun sun maammiltoota keessummeessitee xumurtetti namtichi Afriikaa sun namticha Ameerikaa sanatti
‎kolfaa " Thank you Very Much" jedheen.
‎Kunimmoo namticha Ameerikaa sana humnaa ol aarse.
‎Innis keessummeessituu sanatti fiigee,

‎"Namtichi gurraachi kun sammuu qabaa
‎( Maraataa dha moo? ) Isa qofaa dhiiseen namoota mana kana keessa jiran hundumaaf nyaataa fi dhugaatii bite. Qooda jibbamuu isaa argee aaree boba'uu qabu maaliif taa'ee kolfaa
‎fuula ifaadhaan galatoomi naan jedhaa? Jedhee gaafate. Keessummeessituun sunis
‎kolfaa, " Lakki Maraataa miti, inni abbaa qabeenyaa mana nyaataa kanaati " jetteen.

 : -➖➖➖➖➖➖➖➖➖1, Ilmoo Harree--Bukurii2, Ilmoo Qamalee- Canoo3, Ilmoo Xaddee-Xubii4, Ilmoo Kuruphee-Sophoo5, Ilmoo Booyye...
21/04/2026

: -
➖➖➖➖➖➖➖➖➖
1, Ilmoo Harree--Bukurii
2, Ilmoo Qamalee- Canoo
3, Ilmoo Xaddee-Xubii
4, Ilmoo Kuruphee-Sophoo
5, Ilmoo Booyyee-Qoqalaa

6, Ilmoo Bofaa- -Leetii
7, Ilmoo Weennii-Wullee
8, Ilmoo Buutii- -Lootii
9, Ilmoo Re'ee-Maqasha
10, Ilmoo Hoolaa- Bukkuula

11, Ilmoo Adurree-Bashoo
12, Ilmoo Huummoo-Cuucii
13, Ilmoo Lukkuu-Hucoo
14, Ilmoo Sa'aa-- Waatii
15, Ilmoo Gadamsaa-Gudalaa

16, Ilmoo Saree --Buchillaa
17, Ilmoo Kanniisaa-Barrisaa
18, IlmooHantuutaa-Ajjoo
19, Ilmoo Jawwee-Lootii
20, Ilmoo Raachaa --Callee

21,Ilmoo Sololiyaa-Cuucii
22, Ilmoo Namaa --Mucaa,finaa
23, Ilmoo Sardiidoo-Xulubaa
24, Ilmoo Bosonuu-Simboo
25, Ilmoo Illeettii-Buchilaa

26, Ilmoo Roobii-Heegira
27, Ilmoo Guchii-Ruboo
28, Ilmoo Sattawwaa-Bochoola
29, Ilmoo Qocaa --Cuucii
30, Ilmoo Leencaa-Kubalee

31, Ilmoo Qerrensaa-Linchii
32, Ilmoo Arbaa--Dhobilee
33, Ilmoo Gafarsaa-Serroo
34, Ilmoo Fardaa-- Ciloo
35,Ilmoo Gaalaa-Nyarqoo

36, Ilmoo Jaldeessaa-cakkee
37, Ilmoo Simbirroo-Cuucii
38, Ilmoo Gogorrii--Cuucii
39, Ilmoo Adurree-suuliyoo

📚 Kanan argeef dubbise irraa!
♻️ &
👇👇👇👇👇
╔════════════╗
Afoola Oromoo
╚════════════╝

Dhiirri tokko durba tokko harka keessa galchachuuf maal guchuu qaba?..1.Durba tokko akkuma argeen sin jaalladhe jechuu i...
21/04/2026

Dhiirri tokko durba tokko harka keessa galchachuuf maal guchuu qaba?..

1.Durba tokko akkuma argeen sin jaalladhe jechuu irraa of eeggachuu qaba. Yoo jettees sitti hin murteeffamu barasaati😳

2. Lakk bilbila ishee erga fudhateen booda, torban tokkoof isaa ol taa'ee bilbiluufii qaba. Malee inni ammuma bilbila fudhatanii daqiiqaa 5 booda ani siif du'uuf, jedhan tokko gagamaa nama fakkeessiti.😋

3. Jaalallee qabdaa jedhanii durba tokko gaafachuun barbaachisaa miti. Amma utuuma isheen hin qabu jettee sitti hin tolaa? Jaalallee hin qabdu jechuun amala isheetu sirrii miti ykn hin bareeddu jechuudha?
Kan kees yadaacha haasa'i bro 😎
4. Durbi tokko sitti bareeddeetti taanaan, bifa obbolummaa tiin itti dhiyaadhu, erga amala ishee waan hundamaa barteen booda yoo isheen nama gaariidha taate gaaffii jaalalaa dhiyeessiif! 🤝

5. Bilbiltee fii yeroo masmarri ishee qabamaa ta'u, Eenyuutti haasa'aa oolte jettee hin gaafatin! Amma dhugama dhiirattan haasa'aa ture naan jetti jettee yaaddaa? Isheenoo yeroo hundaa Adaadaa isheetti haasofti g*wwaakoo.😁 Waan akkanaa gaafachuu dhiisii waan bilbilteef itti himadhu

Address

Adama, Mojo
Bishoftu

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Obsan Tuji Yaie posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share